Godina baha Harargee Aanaa Dadar keessatti Waraanni Mootummaa PP qarshii ittiin saamuuf hidhaa hammeessuunii fi manneen namootaas gubaa jiraachuun barame.
( ONM-ABO Waxaabajjii 1,2022 )
Mootummaan Bulguun sirna nama nyaataa PP Caamsaa 26,2022 irraa qabuun waraana isaa naasuu tokko uummata Oromoof hin qabnee itti bobbaasuun badii tokko malee hidhaa kan jiruu yoo ta’u , gariin qe’eerraa buqqaasuunii fi mana isaanii gubuun hiyyummaa hamaaf saaxilanii jiru.
Gocha badii kanaanis qorqalbii uummatichaa miidhaa fi yeroo barbaadanis lubbuun namootaa illee osoo hin hafin obbaasaa jiru.
Haaluma kanaan gocha badii Uummata Oromoo irratti raawwatu kun itti fufuun baha Harargee magaalaa Dadar bakka Addabaabayii jedhamuun beekamutti Caamsa 28, 2022 mana Obbo Jamaal Adareete gubuun manicha keessa Kan turan Muraad Qamar fi Kaalfiyaa kan jedhaman ammoo waliin gubuun lubbuu isaanii addunyaa kana irraa obbaasaniiru jechuun maddeen keenya Arraata Biyyoleesaa Oromiyaatti himaniiru.
Ittuma fufuun baha Harargee magaalama Dadar aradda Urjii Jaalalaa ganda gadaamee keessaa namoota hojjeetatanii jireenya dhuunfaa isaanii geggeeffatan 31 qabuun buufata poolisii aanaa Dadar keessatti argamuutti hidhuun gaaffii tokko malee hidhaan dararaa jiru.
Namoota badii malee hidhaman kana qarshii hanga nuti jenne nuuf kaffaltu, kana yoo hin goone adda Waraanaatti isin ergina jechuun sodaachisuun qarshii irraa guurrachaa jiru.
Namoonni qarshii qabaatanii kafaluu danda’an ammo Kuma kudhanii hanga Kuma shantamatti kaffalanii ba’aa kan jiran yoo ta’u kan hin qabne ammo achi keessatti yaaddoon dhiphachaa jiraachuu maddeen dabaluun addeessaniru.
Murni Maqaa Mootummaan aangoo irra jiru karaalee ittiin saamicha uummata irratti geggeessan qopheeffachuun qarshii uummataa saamuun rakkoo dinagdee isa mudatee jiruu dhokfachuu fi uummaticha diinagdeen cabsuuf tooftaa waraanaa godhatee deemaa jiraachuun ni beekama.
Oduma wal fakkaatuun godinuma baha Harargee ona Dadar magaalaa Dadar keessatti Dilbata darbe galgala Caamsaa 29,2022 abidda itti qabsiisuun gubuu maddeen magaalaa Dadar ifoomsaniiru.

