Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Murni maafi’aa PP bulchiinsa magaalaa Adaamaa keessaa qeerroowwan Oromoo ukkaamsaa jiraachuun ibsame

Murni maafi’aa PP bulchiinsa magaalaa Adaamaa keessaa qeerroowwan Oromoo ukkaamsaa jiraachuun ibsame.

( ONM-ABO Waxaabajjii 3,2022 )

Murni maqaa mootummaan beekamtii seeraa malee of ijaaree jiru aangoo siyaasaa of harkaa qabuun uummata dararuu aadaa godhate bulchiinsa magaalaa Adaamaa keessatti hidhaa hammeessee jira.

Sodaa fi yaaddoo lamsha’uu sirnichaa irraan diddaan uummata Oromoo hammaachuu mala kan jedhu murni faashistii PP qaamota diddaa hawaasaa hammeessuu danda’an jedhu qeerroowwan Oromoo Caamsaa 31,2022 irraa qabuun kutaa bulchiinsa magaalaa Adaamaa cufa keessaa adamsee qabuun waajjira poolisii garaagaraatti hidhee dararaa jira.

Akka odeessi maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaa irraa qaqqabe ifoomsutti qeerroowwan nagaan hojii idilee isaaniitti bobbaa’anii galan hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu jechuun qabanii reebuun hidhu.

Qeerroowwan qabamaniinis Waraana Bilisummaa Oromoo baha Shaggar ona Boosat keessa jiru waliin hidhata gootanii hojjechaa jirtuu fi isintu qarqara magaalaa Adaamaa fidee qubsiisaa ture akkasumas magaalaa kana keessa miseensota Waraana Bilisummaa Oromoo hedduu manneen namootaa keessa dhoksuun tarkaanfii nu irratti fudhachiisuuf karoorfattanii jirtu jechuun sobaan yakkanii hidhaa fi reebichaan rakkisaa jiraachuun kan himan qeerroo bilisummaa Oromoo bulchiinsa magaalaa Adaamaa ti.

Exit mobile version