Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Lixa Oromiyaa Bulchinsa Magaalaa Naqamtee keessatti kaabbinoonni magaalicha fi waraanni sirna maafi’aa PP barattoota Kutaa 10 ol baratan jechuun mana barumsa irra deemuun leenjii raayyaa ittisaa biyyaa ofiin jedhaniif qabaa jiru

Lixa Oromiyaa Bulchinsa Magaalaa Naqamtee keessatti kaabbinoonni magaalicha fi waraanni sirna maafi’aa PP barattoota Kutaa 10 ol baratan jechuun mana barumsa irra deemuun leenjii raayyaa ittisaa biyyaa ofiin jedhaniif qabaa jiru.

( ONM-ABO Waxaabajjii 10,2022 )

Murni ilmaan Oromoo lafa irra duguuguuf karoorfatee ka’e lixa Oromiyaa bulchinsa magaalaa Naqamtee keessatti Waxaabajjii 8, 2022 irra qabuun barattoota Oromoo magaalattii keessatti kutaa 10 fi isa ol baratan mana barumsa fi mana jireenyaa isaaniitii humnaan qabuun maqaa raayyaa ittisa biyya leenjitu jedhuun adda waraanatti erga jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf himaniiru.

Gocha badii waraanni faashistii PP kun raawwachaa jiru dheessuun barattootni hedduun barumsa dhaabanii gariin gara baadiyyaa fi firoottan isaanii bakka biroo jiranitti baqachaa jiraachuu maddeen dabaluun ibsan.

Kaayyoon murna impaayeera Itoophiyaa ilmaan Oromoo barumsa dhaabsisuun adda waraanaatti erguun dhaloonni akka hin barannee fi doofummaatti hafan gochuu yoo ta’u haala siyaasa qabatamaa impaayeerattii keessan dargaggoonni egeree biyyaa fi sabaa ta’an lola issan hin ilaallaneef dirqisiifamuun lubbuu dhabaa jiraachuun ni beekama.

Exit mobile version