Waraanni bilxiginnaa godina Qellem Wallagga bulchiinsa magaalaa Dambi Doolloo keessatti konkolaataan dubartii tokko rukuchuun ajjeesan.
( ONM-ABO Waxaabajjii 11,2022 )
Murni bilxiginnaa ilmaan Oromoo guyyuu waraana isaa itti bobbaasee ajjeesaa jiru kaleessa ammoo konkolaataa waraanaan rukuchuun dubartii Oromoo tokko ajjeesan.
Kaleessa Waxaabajjii 10,2022 godina Qellem Wallaggaa bulchiinsa magaalaa Dambii Doolloo ganda 04 naannoo garaajii Ju’aannee cinaatti dubartii Oromoo aadde Yeshii Alamaayyoo jedhamtu qarqara daandii asfaaltii rukutan.
Toora sa’a 12:00tti kan rukutamte aadde Yeshiin hospitaala Dambii Doolloo seenuun yaalamaa erga turaniin booda kaleessuma toora sa’a 3:00tti lubbuun isaanii darbeera.
Ajjeechaa kana kan raawwate inispekter Saamu’el Olqabaa kan jedhamu yoo ta’u, konkolaataa hin beekne daandii gubbaa irra konkolaataa odoo shaakaluu akka ta’e maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaa gabaasaniiru.
Murni faashistii PP caasaan isaa akka barbaadetti miidhaa uummata irraan ga’ee gaafatama hin fudhanne, dubartii dhimma isheef daandii deemtu ajjeesuun maatii gaddatti hambisee hanga gabaasni kun qindaa’etti namni seeraaf dhihaate akka hin jirre barameera.

