Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Qellem Wallaggaa bulchiinsa magaalaa Dambii Doolloo keessatti waraanni bilxiginnaa maanguddoo tokko ajjeesan

Godina Qellem Wallaggaa bulchiinsa magaalaa Dambii Doolloo keessatti waraanni bilxiginnaa maanguddoo tokko ajjeesan

ONM – ABO – Sadaasa 8, 2022 Dheengadda Sadaasa 6,2022 waraanni PP mana Barumsaa Laaftoo cina buufatanii jiran maanguddoo ganna 60 obbo Daggafuu Shotaa abbaa ilmaan dhiiraa sadii fi dhalaa lamaa kan ta’an osoo isaan mana amantaatiitii waaqeffatanii galaa jiranii daandii irraa qabuun erga of bira oolchanii booda galgala toora sa’a 12:00tti ilma Keetu bosona jira jedhanii rasaasa sadii itti dhukaasanii ajjeesuun bosona cinaatti gatanii deeman. Obbo Daggafuun manni jireenya isaanii magaalaa Dambii Doolloo ganda baadiyaa Waaccuu yoo ta’u, nama amala qabeessaa fi naamusa qaban akkasumas jireenya hiyyummaa ibsuuf nama rakkisu keessatti hanga umriin isaanii ga’eessummaa fixutti qoraan mataatti baatanii, haati warraa isaaniis dugdatti baachuudhaan gurguranii manaa fi maatii isaanii gadadoo hiyyummaa keessaa baasuuf dafqa ijoollummaa hanga dullumaatti xuruurfatanii osoo maatii isaanii bulfatanii waraana PPn ajjeefamanii reeffi isaanii bakkee bulee Wiixata Sadaasa 7, 2022 hawaasa naannoon reeffi isaanii bakkeedhaa kaafamee awwaalame. Murni garboomfataa PP dhala Oromoo irratti duguugiinsa sanyii addunyaan quba hin qabne ilmaan Oromoo irratti daran geggeessaa waan jiruuf sabichi qabsoo bilisummaa jabeessuun sirna kana hundee irraa buqqisuuf mooraa falmaa qabsoo ABO-WBOn geggeeffamaa jiru jabeessuun barbaachisaa ta’u jiraattootni naannoo keessuun maatii fi firoottan isaaf jajjabina hawwaniiru.

Exit mobile version