Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Lolli Qindaa’aan Mootummaa Naannoo Amaaraan Uummata Oromoo Walloo irratti labsame akkuma itti fufetti jira

Lolli Qindaa’aan Mootummaa Naannoo Amaaraan Uummata Oromoo Walloo irratti labsame akkuma itti fufetti jira.

(SQ-Adoolessa 11, 2022 )

Uummati Oromoo Walloo barootaaf Mootummoota Alagaan kan dhaanamaniin addatti akka Adaamii Ollaa Agamsaa Mootummaan Amaa☆☆raa dhabamuu ykn cabanii Kolonii Amaa☆☆raa jala akka galaniif Walloo dirqamsiisaa tureera.

Uummati sun garuu cunqursaa kana hunda danda’ee dhiigaaf lafeesaatiin of kabachiisaa har’a ga’eera.

Haaluma kanaan Uummati Oromoo Walloo lola Adoolessa10, 2022 Humna Addaa Amaaraa, Faannoo fi Milishaa dabalatee irratti baname wareegama barbaadamu hunda kafalee qe’eesaarraa dhorkaa jira.

Lola irratti baname kanaanis Tarkaanfii Of-ittusuu fudhataa kan jiran Gootowwan Ilmaan Walloo haga ammaatti Lubbuun 11 yoo wareegamu, namni 20 ol madaa’uu maddeen keenya bakka sanaa nuuf addeessaniiru.

Gama diinaatiinis miidhaan yeroof adda hin baane qaqqabaa jiraachuu nuuf heeraniiru.

Itti dabaluunis Gootowwan Walloo kunneen “Uummati Oromoo biyya keessaa fi alaa duula eenyummaa keenya qofaaf nurratti baname kana Oromoon keessaaf alaa nuuf birmatee waan danda’uun nu cinaa dhaabbachuu qabas” jechuun ergaa dabarfataniiru.

Sagaleen Qeerroo Bilisummaa Oromoo duula Baatii Caamsaa keessa Wallootti Humnootuma kanneenin banamee ture gabaasuun keenya ni yaadatama.

Exit mobile version