ONM-ABO Sadaasa 7, 2023
Uummata Oromoo Walloo irratti lola finxaaleyyii Amaaraan adeemaa jiruun hanga ammaatti miidhaan hanga kana hin jedhamne raawwatamaa kan jiru yoo ta’u karaa murna bilxiginnaa raayyaa ittisa impaayerattii ofiin jedhaniinis akka waan humnoota finxaaleyyii uummata irraa ittisuu of fakkeessuun uummata ajjeesaa jiraachuus dubbatu.
Namoota nagaa 17 iddoo tokkotti kan ajjeesan warreen raayyaa ittisa impaayera Itoophiyaa ofiin jedhan jechuun jiraataan bakkichaa tokko hima.
Namoonni ajjeefaman kunneenis M/D Huseen, Abdallaa Hasan, Ahamuyyee Hasan, Hasan Ahmed, Mohammeed Abbaa kore, M/D shee muusaa, Ahimed Nuuree,Mohammeed Waayyuu, Shee Ammee, Yahayaa Muusaa, Muusaa Hasan, Aliyyi Ahimed, Abduu Quufaa, Ahimed M/D, Ahimed Nasiiboo fi M/D Huseen kanneen jedhamaniidha.
Warreen mada’aanis hedduu ta’uu himuun, kan nu rukute Faannoo osoo hin taane duubaan waraana faashistii pp kanaadha jechuun, lolli kunis akkuma itti fufetti jiraachuu fi uummatni Oromoo Walloo finxaaleyyiin osoo hin taane warreen raayyaa ittisa biyyaa ofiin jedhaniin dhumaa jirra jechuun dubbatu.
Humnoonni finxaaleyyii kunis meeshaa gurguddaa uummata nagaa irratti dhukaasaa akka jiran jiraattonni dubbachuun qabeenyi namootaa manca’es hedduu ta’uu himu.

