Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Hidhattootni finxaaleeyyii Amaaraa Faannoon Oromoota Walloo irratti duula duguuggaa sanyii bananiin lubbuun namootaa darbuu fi madaa’uun beekame

ONM-ABO Amajjii 8, 2024

Yeroon kun yeroo uummatni Oromoo gidiraa itti argaa jiru yoo ta’u karaa tokkoon murna bilxiginnaan ajjeefamaa, hidhamaa, fi qabeenyaan isaa saamamaa, karaa biraan ammoo humnoota finxaaleeyyii Amaaraa Faannoo jedhamaniin irra deddeebiin duulli duguuggaa sanyii irratti banamaa kan jiru ta’uun ni beekama.

Lola hidhattootni kunneen,roobii Amajjii 4, 2024 irraa eegaluun hanga Amajjii 7 hawaasa nagaa irratti, bananii jiran kanaanis namootni hedduun kan du’aniifii,gariin ammoo madaa’anii jiraachuu maddeen godina Walloo ONMtti himan.

Akka maddeen keenya himanitti namootni, 8 ajjeefamuun 10, ammoo madaa’anii jiraachuu yoo dubbatan namoota du’an keessaa muraasni kan maqaa arganne, Abdallee Hasuu, Alii Mahammad Alii,Mohammeed Yadalii,Ahimed Umaree,fi Hasan Sa’id kanneen jedhaman yoo ajjeefaman warrootni madaa’an ammoo,Haajii Umar Haajii, Umaree Mohammeed Haajii,Huseen Hasan,Umar Yaggisee, Umar Hasoolii,Mohammeed Umar, Umar Alii Usee,Heedar Umaruu, Mohammeed Umarii fii Muusaa Umar, akka ta’an jiraattotni dubbatu.

Akka jiraattotni dabaluun dubbatanitti murni bilxiginnaa biyya bulchina ofiin jedhan yeroo hidhattootni kunneen hawaasa nagaa irratti ajjeechaa fi madoo rawwatan kana humna waraanaa erguu fi dhibuun uummanni kunneen akka miidhamanif callisanii ilaalutti guddoo gadduus himan.

Exit mobile version