Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Dargaggoota Oromoo Magaalaa Finfinnee keessaa Oromummaa Isaani Qofaaf Humni Tikaa Mootummaa Ukkaamsu itti fufe

Dargaggoota Oromoo Magaalaa Finfinnee keessaa Oromummaa Isaani Qofaaf Humni Tikaa Mootummaa Ukkaamsu itti fufe.

(SQ-Adoolessa 17/2022)
Dargaggoo Dagaagaa Faqqadaa Adoolessa 11/2022 Magaalaa Finfinnee Naannoo Askoo jedhamuun beekamuutti Yakka Tokko Malee, Humna Tikaan Ukkamfamuu Odeessi Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo qaqabee ni ifoomsa.

Dagaagaan Yeroo gara garaatti Yakka tokko malee, Mana hidhaa biyyaatti gara garaa keessaatti dararamaa kan ture yoo tahu ammas daraarri kun itti fufee jira. Dargaggoon Kun yeroo ammaa Bakka inni Jiruu Maatiin barbaadani kan dhaban yoo tahuu , siyaasa kam keessaallee harka akka hinqabne waayillaan isaa Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoof gabaasan.

Exit mobile version