Hidhaan Ilmaan Oromoo irratti xiyyeeffate Oromiyaa golee hundatti jabaatee itti fufee jira.
(SQ Fulbaana 27, 2022)
Godina Iluu Abbaa Booraa Magaalaa Mattuu keessatti Barsiisaa Dabalaa Taaddasaa badii homaa utuu hin qabaatin Fulbaana 27, 2022 Naannoo sa’a 6:00am Humnoota Tika PPn erga butamee booda gara Buufata Poolisii Bulchiinsa Magaalaa Mattuutti hidhamee akka jiru maddeen SQ gabaasani.
Barsiisaa Dabalaan Hirmaannaa Siyaasa kamiillee nama hin qabnee fi hidhamuun isaa Oromummaa isaa qofarratti kan xiyyeeffate ta’uu maddeen gabaasan.
Magaalaa Mattuu fi Aanaalee irratti Hidhaan Oromummaa qofa irratti xiyyeeffate irra deddeebiin hammaachuu gabaasaa turuun keenya ni yaadatama.
Sababni hidhaa jumlaa kanaas “Tarkaanfii WBOn Godina sana keessatti fudhatu daggaru namoota jedhu Humni Mootummaa admsee kakka ukkaamsu” madeen irra deddeebiin eeru.

