Kibba Lixa shaggar keessaatti Hidhaa Sabboontoota irraatti xiyyeeffate ammas akkuma itti fufeetti jira.
(SQ-Adoolessa 19/2022)
Kibba Lixa Shaggar torban lamaan kana keessa hidhaan fi ajjeechaan Uummata irraatti fulleefate jabaatee jira. Akka madden Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoonuuf himaniitti Waraanni fi Kabineen PP maqaa sakkata’insa WBO jechuun bobbaate Aanaa Gooroo, Wancii, Ammayyaa fi Walisoo keessatti mana uummataa gubuun, Abbotii fi haadholii uukkamsanii hidhuun, dargaggoota ol-adeemoo qabanii erga hidhanii, hidhaa baasanii ajjeesaa jiraachuu nuuf himan.
Haaluma kanan Qeerroo Shifarraa_Jamaanaa dhalootaan ganda Maragaa Abbayii kan ta’e bakka Qucoo jedhamuu Adoolessa 16/2022 Waraana PP’n mana jireenya isaatii hiriyoota isaa 4 waliin qabuun erga hidhanii booda, mana hidhaa baasuun ajjeesanii Ganda Sonqollee Qaqeetti gatan. Aanaa Gooroo keessattis ajjeechaan wal fakkaatu akkaa rawwate sagaleen Qeerroo Bilisummaa Oromoo odeeffate.
Hidhaan uummata irraatti xiyyeeffate Aanaa Wancii gandaa Waraabuu Maasii irraa namoota 10 ol seelii shanee jechuun qabani hidhaman muraasni;
- Tarraafaa Badhaadhaa daariktera Mana baruumsa Tolkaa
- Abbuush Badhaadhaa
- Dastaa Nagaraa
- Haadha Nimoonaa
- Haadha Fiixaa
- Ingidaa kan jedhaman isiin Seelii WBO ti jechuun erga hidhanii torban guutuuf jira.
Ganda Sonqollee Qaqeetti nama 20 olii ukkamsuun - Barsiisa Kabbadaa Tarrafaa
- Dababaa Naggasaa
- Kiflee Efreem akkasumas Abbotii fi Haawwan maqaa hin arganne matiin keessan miseensa WBO ti jechuun hidhan.
Ganda Dulleelee Billachaa irraa nama 15 olii, Gandaa Leemman Mataa Horaa irraa nama 20 olii, Gandaa Diimtuu Godeettii irraa 15 olii, Gandaa Dulleelee Qorii 12 olii hidhuun manneen jiraattota Abbaa warraa 5 gubanii jiru.
Ganda Azar Qeerransaa irraa dargaggoota 4 fi Abbotii fi Haadholii Shan hidhuun mana abbaa warraa 1 gubanii jiru. Isaan keessa - Dargaggoo Gashawuu Dheressaa fi
- Dirribii Guddataa
Gandaa Damuu Dagalee irraa 15 olii hidhamanii jiru isaan keessaa Dargaggoo
Tokkummaa_Dheressaa
Ganda Fittee Watoo dargaggoo 4 ukkamsanii jiru.

