Labsii Qeerroon Bilisummaa Oromoo Waraana Bilisummaa Oromoo Waliin Tahuun Labse Ammallee Akkuma Itti Fufeetti Jira.
(SQ-Sadaasa 5/2022)
Lixa Oromiyaa fi Baha Oromiyaa keessaatti labsii Qeerroon Bilisummaa Oromoo haala yeroo irratti hundaa’uun labse hojiirra oolaa jira.
Labsichi uummata keenya haleellaa xiyyaaraan irratti godhamaa jiru dandamachiisuuf kan labsame yoo tahu, haala miidhagaa taheen hojiirra oolaa jira.
Uggurri daandii Lixa Oromiyaa fi Baha Oromiyaa bakkoota garaa garaa keessatti hojiirra oolaa jira. Giddu galeessa Oromiyaa fi Kibba Baha Oromiyaa akkasumas, Kibba Oromiyaattis qophiin xumurameera.
Akka miseensoonni Qeerroo Bilisummaa Oromoo Lixa Oromiyaa Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoof yaada keennaniitti “Uggurriin gabaa fi daandii Lixa Oromiyaa keessatti milkii gaariitti jira” jedhan.

