Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn godina lixa Shaggar onoota sadii keessatti tarkaanfii laalessaa fudhachuu ibse!
( ONM-ABO Adoolessa 24,2022 )
Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo WBOn tarkaanfii waraana weerartuu bilxiginnaa irratti fudhatu jabeessuun reeffa ishee allaattii suuruu itti fufee jira.
Haaluma kanaan kaleessa Adoolessa 23,2022 lixa Shaggar onoota akka Meettaa Roobii, Jalduu fi Gindabarat keessatti loltoota bilxiginnaa irratti injifannoo boonsaa galmeessee jira.
Ona Meettaa Roobii ganda Golaa bakka addaa Riqicha Qorichaa jedhamutti lola abdiin sabaa WBOn bilxiginnaa irratti geggeesseen loltoota bilxiginnaa irraa 39 ajjeesuun 21 madeesseera.
Lola kanaaf humni reebduun ona Jalduu magaalaa Goojjoo fi Bonii irraa ganda Kilbeetti wal dhuunfachuun osoo gara lolaa deemaa jirtu osoo Kilbee irraa hin siqin WBOn haxxee hidhee eeguun tarkaanfii laalessaa irratti fudhateen battalatti 23 yoo ajjeesu 14 madeesseera.
Tarkaanfii WBOn fudhatu itti fufuun guyyuma kaleessaa ona Abuunaa Gindabarat ganda Garbii Gooleetti tarkaanfii laalessaa fudhateen 11 ajjeesuun 8 madeesseera.
Lola kaleessa ona Meettaa Roobii fi Jalduu keessatti geggeeffameen waraanni bilxiginnaa reeffa ishee achumatti gatuun madoo isaanii konkolaataa 3F tokkoo fi ambulaansii sadiin fudhanii deemanii jiru.
Lolli hanga bilisummaatti fi walabummaa Oromiyaatti itti fufa!
Injifannoon Uummata Oromoof!

