Gabaasa gumaacha gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo diinagdeen tin’isuuf taasifame kan Adoolessa 23,2022n isiniif dhiheessina.
( ONM-ABO Adoolessa 25,2022 )
Sabboontootni ilmaan Oromoo irree fi gaachana uummata Oromoo WBO diinagdeen jabeessuuf gumaacha taasisan cimsanii itti fufanii jiru.
AKKA kanaanis ” miseensonni WBO duraanii fi deggertoonni ABO-WBO Maanchestar (UK) keessa jiraatanii fi qabsoo saba isaanii irratti kan qaamaa hir’atanii kaan ammoo sababa adda addaatiin dirree qabsootii ala jiran jalqaba kanaaf namni 21 walitti dhufuun haala qabsoon irra geesse irratti gadi fageenyaan erga mari’ataniin booda irbuu isaanii haaromfachuun qabsoo jaallan otoo Kaayyoo Irbuu Shinniggaa hin sharafin wareegama qaqqaalii kaffalanii asiin ga’an, isaanis waan danda’an cufaan qooda isaanii akka ba’an ibsataniiru.
Kora isaanii jalqabaa nama 21 ta’anii walitti qabaman kana irratti koree erga of keessaa filaniin booda buusii dhaabbataa WBOf akka buusan walii galanii jiru.
Miseensoonni WBO durii biyya UK 🇬🇧 Walgayii isaanii jalqabaa kana irratti Pound UK £ 1,330 battalatti buusuun WBO qaqqabsiisanii jiru.
Miseensoonni WBO durii biyya UK kun waamicha ilmaan Oromoof taasisaniin sababa adda addaa fi olola diinni nu diiguuf facaasuuf otoo gurra hin kennin Abdii saba Oromoo fi Oromiyaa WBO akka jabeessan waamicha godhanii jiru.
Deggersii fi tumsi WBOf taasifamu cimee itti fufuun sabboontoonni ilmaan Oromoo Maadhee " "Bakkalcha Fugug " jalati gurmaa'an WBO diinagdeen jabeessuuf marsaa 5ffaaf maallaqa walitti qaban qarshii impaayeera Itoophiyaa 10,200 ( kuma kudhaniif dhibba lama ) WBO qaqqabsiisanii jiru.
Tumsi diinagdee WBOf taasifamu ittuma fufuun ilmaan Oromoo maadhee “Wiirtuu Bilisummaa” jalatti gurmaa’an WBO dinagdeen cimsuuf marsaa 7ffaaf qarshii impaayeera Itoophiyaa 37,000 ( kuma soddomii torba ) gumaacha godhanii jiran.
Fulduraafis olola dharaa fi diigumsa qabsoo bilisummaa Oromoo duubatti deebisuuf taasifamuuf otoo hin jilbeenfatin WBO cimsinee galma kaaneef ni geenya jechuun waadaa seenanii jiru.
Deggersi WBO cimee itti fufuun ” waldaan dubartoota Oromoo biyya Awustiraaliyaa Melborn irraa waraana isaanii WBO Oromiyaa walaboomsuuf wareegama kaffalaa jiru jabeessuuf qarshii impaayeera Itoophiyaa 100,000 ( kuma dhibba tokko ) WBO qaqqabsiisanii jiran.
Kana malees miseensa WBO duraanii kan ta’an Jaal Qadiidaa Boruu Ameerikaa Minisootaa irraa tumsa WBOf taasisaniin qarshii Itoophiyaa 12,300 ( kuma kudha lamaaf dhibba sadii ) gumaachee jira.
Kanaan boodas hanga akeekni Irbuu Shinniggaa dhugoomutti waan danda’an cufaan WBO bira akka dhaabbatan dhaammataniiru jechuun gabaasa Ajajaan Olaanaan ABO-WBO Arraata Biyyooleessa Oromiyaa qaqqabsiisaniin beekuun danda’ameera.
Nutis galanni keessan bilisummaa haa ta’u ittiin jenna.
Horaa bulaa deebanaa
Injifannoon Uummata Oromoof!

