Ilmaan Oromoo mooraa Waraana Pp keessa jiran dararaa Uummata Oromoo iraan sirnichi geessisaa jiru mormuun gara Mooraa Qabsoo Bilisummaa Oromootti dhufuun harka kennachuu itti fufani.
(Adoolessa 30, 2022 ONM ABO)
Lixa Shaggar Onoota gara garaa keessatti ilmaan Oromoo moonaa diinaa hongeessuun gara qabsoo Bilisummaa Oromoo ABO WBOn durfamuutti harka kennataa jiru. Haaluma kanaan loltootni PP Oromoo ta’an kan RIB keessa turan haala mooraa diinaa keessa jiru jibbuun WBO tti harka kennachaa jiru.
Akkaatuma kanaan, namni tokko warra Jaarsoo Kaampii Qacammee irraa yoo harka kennatu, kan hafe tommo immoo Meettaa Walqixxee kampii magaalaa minaaree irra harka kennachuun gara qabsoo sabaatti makamaniiru.
Injifannoon Uummata Oromoof!

