Gabaasa gumaacha gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo diinagdeen tin’isuuf taasifame kan Hagayya 1, 2022
( ONM-ABO Hagayya 2,2022 )
Gabaasa kaleessaa
Sabboontootni ilmaan Oromoo irree fi gaachana uummata Oromoo WBO diinagdeen jabeessuuf gumaacha taasisan cimsanii itti fufanii jiru.
Haaluma kanaan ilmaan oromoo “Maandhee Utubaa Qabsoo Bilisumma Oromoo ” jalatti gurmaa’an marsaa 2ffaaf qarshii 58,755 ( kuma shantamii saddeetiif dhibba torbaaf shantamii shan ) WBO qaqabsiisanii jiru.
Maandheen tumsa taasisaniin alatti ibsa ejjenno baafatanii jiru.
- WBO jabeessuu fi gargaaruun of jabeessuu fi gargaaruudhha.
- Haala kamiyyuu keessatti WBO hanga dhumaatti WBO waliin jirra.
- Deggersi WBOf taasifnu hanga Bilisummaa Oromoo fi Walabummaa Oromiyaatti cimee itti fufa jechuun dhaammatani jiru.
Tumsii fi deggarsi WBO jabeessuuf taasifamu ittuma fufuun Jaarmiyaan Danbalii Humna Qeerroo Bilisummaa Oromoo Biyyaa Jabuutii, Somaalii Laand,Puntland, Ameerikaa fi Sa’ud Arabiyaa irraa walitti dhufuun tin’isa WBOf taasisaniin marsaa 16ffaaf qarshii 728,085 ( Kuma dhibba torbaaf digidamii sadeetiif Sadeettamii shan ) WBOf gumaacha godhanii jiru.
Ammas murtee Hoggantootaa fi Koree Hojii gaggeesituu jaarmiyaa kanaatiin marsaa 17fffaan itti fufee hojii irra jira.
Akka jaarmiyichi jedhutti hanga sirna nafxanyaa qawween ofirraa buufnee biyyaa keenyarratti abba biyyaa taanutti WBO cinaa dhaabbachuun itti fufa jedhaniiru.
Maandheen OSPG ( OROMOO SISTERHOOD GROUP PROJECT) jedhu jalatti gurmaa’an ammas shamarran WBO dirree jiran jabeessuu fi haamileessuuf doolaara Ameerikaa 1,953 WBO qaqqabsiisanii jiru.
Gara fuula duraattis hanga bilisummaa Oromoo fi walabummaan Oromiyaa mirkanaa’utti deggarsa WBOf taasisan cimsanii kan itti fufan ta’u Waada seenanii jiru.
Maadheen ” Ijoollee Amoosaa Tuqaa” jedhamuun beekaman biyya Keessaa marsaa 3ffaaf gumaacha WBOf taasisanii qarshii 10,000 galii taasisanii jiru.
Gara Fuula duraattis hanga gumaacha isaanii kan itti fufan ta’uu waadaa isaanii haaromfataniiru jechuun gabaasa Ajajaan Olaanaan ABO-WBO Arraata Biyyooleessa Oromiyaa qaqqabsiisaniin beekuun danda’ameera.
Nutis galanni keessan bilisummaa haa ta’u ittiin jenna.
Horaa bulaa deebanaa
Injifannoon Uummata Oromoof!

