Gabaasa gumaacha gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo tin’isuuf taasifame kan Hagayya 6, 2022
ONM-ABO Hagayya 6, 2022- Irree fi gaachana uummata Oromoo WBO diinagdeen jabeessuuf sabboontootni ilmaan Oromoo gumaacha taasisan cimsanii itti fufanii jiru.
Haaluma Kanaan Ilmaan Oromoo ” Hirkoo Utubaa WBO biyya Siwidiin keessatti gurmaa’an WBO Jabeessuuf maallaqa Siwidiin 20,000 ( kuma digdama ) yookiin qarshii impaayeera Itoophiyaa 152,000 ( kum dhibba tokkoof shantamii lama ) WBO qaqqabsiisanii jiru.
Gara fuula duraattis tumsaa fi deggarsa WBOf taasisaan hanga dhumaatti kan addaan hin kunneef cimsanii kan itti fufan ta’uu koreen qindeessituu Hirkoo Utubaa WBO dhaamaniiru jechuun gabaasa Ajajaan Olaanaan ABO-WBO Arraata Biyyooleessa Oromiyaa qaqqabsiisaniin beekuun danda’ameera.
Nutis galanni keessan bilisummaa haa ta’u ittiin jenna.
Horaa bulaa deebanaa
Injifannoon Uummata Oromoof!

