Gabaasa gumaacha gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo diinagdeen tin’isuuf taasifame.
ONM-ABO Hagayya 22,2022 Sabboontootni ilmaan Oromoo irree fi gaachana uummata Oromoo WBO diinagdeen jabeessuuf gumaacha taasisan cimsanii itti fufanii jiru.
Haaluma Kanaan Gareen “Tumsa WBO zoonii Bahaa jerenaal Waaqoo Guutuu” gumaacha maallaqaa marsaa 9ffaa WBO jabeessuuf qarshii 22,000 (Kuma digdamii lama ) WBO qaqqabsiisanii jiru.
Gara fuula duraattis hanga impaayeerattiin diigamtee abbaa biyyummaa keenya mirkaneeffannutti tumsii fi deggarsi WBO cimee itti fufa jechuun waadaa seenanii jiru.
Sabboontonni ilmaan Oromoo biyya Sa’ud Arabiyaa maandhee “Kaayyoo Haqaa” jalatti ijaaramuun gumaacha Waraana bilisummaa Oromootiif qarshii 31,205 ( kuma soddomii tokkoof dhibba lamaaf shan ) gumaachanii jiru.
Sabboontuun Oromoo boontuu jedhamtu biyya United Arab Emirates magaalaa Dubaay irraa gumaata WBOf qarshii impaayeera Itoophiyaa 6, 450 gumaachitee jirti jechuun gabaasa Ajajaan Olaanaan ABO-WBO Arraata Biyyooleessa Oromiyaa qaqqabsiisaniin beekuun danda’ameera.
Nutis galanni keessan bilisummaa haa ta’u ittiin jenna.
Horaa bulaa deebanaa
Injifannoon uummata Oromoof!

