Gabaasa gumaacha gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo diinagdeen tin’isuuf taasifame.
ONM-ABO Hagayya 19,2022 Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBO diinagdeen jabeessuuf sabboontootni ilmaan Oromoo gumaacha taasisan cimsanii itti fufanii jiru.
Haaluma Kanaa ᎫAᎪᎡᎷᎪᎽAᎪN ͲᏔᏆͲͲEᎡ ՏᏢᎪ deggersa diinagdee WBOf gochaa jirun cinaatti Arraata Biyyoolessa Oromiyaa ONM-ABO jabeessuuf qarshii 18,400 gumaacha taasisanii jiru.
Jaarmiyaan Twitter Space kun yaamicha Ummata Oromootif taasisaniin uummanni Oromoo waan ofii abbaatu jabeeffata akkasumas guddifata waan ta’eef WBO fi miidiyaa sagalee uummata cunqurfamaa kana akka jabeessan dhaamaniiru.
Tumsii fi deggersi WBOf taasifamu ittuma fufuun sabboontoonni ilmaan Oromoo maandhee Irbuu Haqaa” jedhuu jalatti gurmaa’uun tumsa WBOf taasisaa turan marsaa kanaas itti fufuun qarshii 53,000 waraanaa Bilisummaa Oromoof gumaachanii jiruu.
Fuula duraafis hanga impaayeerri afaan qawweetiin ijaaramte afaan qawweetiin diigamtee abbaan biyyummaa Oromoo mrkanaa’utti deggarsa WBOf taasisan cimsanii kan itti fufan ta’uu waadaa seenanii jiru.
“Gareen Qeerroo Walloo” biyyaa Sawudii irraa WBO jabeessuuf qarshii 71,870 gumaachanii jiru. Gareen kun tumsa WBO humneessuu dachaa dachaan akka ba’an waadaa haaromsanii jiru.
Gumaachi WBOf taasifamu itti fufuun sabboontootni ilmaan Oromoo biyya ambaa keessa jiraatan maqaa humna qeerroo fi hawaasa Baayern jedhu jalatti gurmaa’uun WBO diinagdeen jabeessuu itti fufanii jiru.
Ilmaan Oromoo Humna Qeerroo fi Hawaasa Baayern jalatti gurmaa’an kun marsaa kanaan gumaacha maallaqa qarshii impaayeera Itoophiyaa 129,600 ( kuma dhibba tokkoof digdamii sagalii fi dhibba ja’a ) gooticha Waraana Bilisummaa Oromootiif galii taasisanii jiru jechuun gabaasa Ajajaan Olaanaan ABO-WBO Arraata Biyyooleessa Oromiyaa qaqqabsiisaniin beekuun danda’ameera.
Nutis galanni keessan bilisummaa haa ta’u ittiin jenna.
Horaa bulaa deebanaa
Injifannoon uummata Oromoof

