Gabaasa gumaacha gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo diinagdeen tin’isuuf taasifame.
ONM-ABO Fulbaana 28, 2022 Sabboontotni ilmaan Oromoo irree fi gaachana uummata Oromoo WBO diinagdeen jabeessuuf gumaacha taasisan cimsanii itti fufanii jiru.
Haaluma kanaan Jaarmayaa Tokkummaa Baqattoota oromoo Yaman Konyaa Maarib maadheen Utubaa Sabaa gumaacha marsaa 9ffaa qarshii 16,000 akkasumas dhuunfaan, Magarsaa Imaam qarshii 5000 fi Caalaa Saayyuu qarshii 5000 walii galatti qarshii 26,000 gumaachanii jiru.
Gumaachi WBOf taasifamu ittuma fufuun, Shamarreen Oromoo maqaan ishee akka dhaa’amu hin feene tokko biyya Meeriilaand irraa doolaara Ameerikaa 600n meeshaalee elektirooniksii gara garaa bituun Arraata Biyyoolessa Oromiyaa qaqqabsiistee jirti.
Sabboontonni Ilmaan Oromoo USA irraa Qannoo Waaqjiraa, Raahimaa Bilaalii fi namni maqaan isaa akka dhaa’amu hin feene tokoo Walitti dhufuun WBOf doolaara Ameerikaa 2,000 gumaachanii jiru.
Ilmaan Oromoo quuqama saba isaanii qabaachuun dhuunfaa fi maadheen WBO tin’isuuf gumaacha taasisan kun fuula durattis hanga Oromoon bilisoomee Oromiyaan walaboomtutti deggersa taasisan akka itti fufan waadaa seenaanii jiru jechuun gabaasa ajajaan Olaanaa ABO-WBO Arraata Biyyoolessa Oromiyaa qaqqabsiisaniin beekuun danda’ameera.
Nutis galanni keessan bilisummaa haa ittiin jenna.
Horaa bulaa deebanaa
Injifannoon uummata Oromoof !

