Gabaasa gumaacha gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo diinagdeen tin’isuuf taasifame.
ONM-ABO Hagayya 24,2022 Irree fi gaachana uummata Oromoo WBO diinagdeen jabeessuuf sabboontootni ilmaan Oromoo gumaacha taasisan cimsanii itti fufanii jiru.
Haaluma kanaan maandhee maqaa Shashamannee lakk. 2 moggaffate jalatti gurmaa’uun qarshii impayeera Itoophiyaa 3, 000 WBOf gummachanii jiru.
Miseensoonni “Tumsa Hegeree Oromiyaa” biyya Ameerikaa konyaa Minisootaa fi deggertootni Qabsoo Bilisummaa Oromoo magaalaa Lakkuu Minisootaa magaalaa Ayiwaa jiraatan WBO dinagdeen jabeessuuf buusii ji’aa WBOf walitti qaban doolara Ameerikaa 2600 ( kuma lamaa fi dhibbaa ja’a ) qarshii impaayeera Itoophiyaa 210,000 ( kuma dhibbaa lamaa fi kuma kudhan ) WBO qaqqabsiisanii jiru.
Saboontonni Oromoo tumsaa fi deggarsa WBOf godhan cimsanii itti fufuun Maadhee Boruu ifaa qarshii 2000
Maadhee Dhangaa Qarshii 2000
Maadheen Boru Yaadata Qarshii 2000
Maadhee Walloo Boorechaa Qarshii 4000
Maadhee Hundee Xaafoo 5000 walii gala Qarshii 15,000 waraana bilsummaan Oromootiif kan gumaachan yoo ta’u gumaachi kun kan hanga bilisummaatti jechuun ibsataniiru.
Sabboontootni ilmaan Oromoo maandheen gurmaa’uun gooticha Waraana Bilisummaa Oromoof deggersa maallaqaa taasisan kunneen hanga bilisummaa fi walabummaatti WBO cinaa akka dhaabbatan waadaa galuu isaanii gabaasa Ajajaan Olaanaan ABO-WBO Arraata Biyyooleessa Oromiyaa qaqqabsiisaniin beekuun danda’ameera.
Nutis galanni keessan bilisummaa haa ta’u ittiin jenna.
Horaa bulaa deebanaa
Injifannoon Uummata Oromoof !

