Kaaba Shaggar ona Warra Jaarsoo keessatti manneen qonnaan bultoota hedduu waraana bilxiginnaan gubate.
ONM-ABO Hagayya 6,2022-Qe’een Oromoo weerartoota waraana bilxiginnaan barbadaa’uu hammaachuun Oromiyaa godinaalee fi aanota garaagaraa keessatti manneen qonnaan bultootaa yakka tokko malee gubachuu akkuma itti fufetti jira.
Haaluma kanaan kaaba Shaggar ona Warra Jaarsoo ganda Haroo Mikaa’el keessaati dheengadda Hagayya 4,2022 waraanni murna faashistii PP manneen qonnaan bultoota homaatuu keessaa quba hin qabne manneen namoota 10 olii qabeenya guutuu waliin abiddaan barbadeessan.
Lola waraana bilisummaa Oromoo waliin taasisu cufa irratti, tarkaanfii waraanaa waraanaan deebisuun kan itti ulfaatu waraanni weerartuu bilxiginnaa of duuba deebi’uun manneen uummataa guba.
Namoonni manneenii fi qabeenyi isaanii haala kanaan barbaadaa’e Dabalaa Mollaa mana 1 qabeenya guutuu waliin, Tasfaayee Mollaa mana 1, qabeenya guutuu waliin, Nagaash Abbayyuu mana 1, Taaddasaa Dammuu mana 2, Bojaa Abbaabbuu mana 1, Bojaa Molee mana 1, Zallaqaa Taaddalaa mana 2, Waldee Amaaraa mana 2 fi gaaguura kanniisaa 50 waliin, Taddalaa Amaaraa mana 2 fi midhaan keeshaa ykn jooniyaa 8, Lammaa Amaaraa mana 2 , midhaan keeshaa 7 fi gaagura kannisaa 70 ol, Taammanaa Lammaa mana 2 fi namoota biroo jalaa naasuu tokko malee ibiddaa itti qabsiisuun barbadeessanii jiru.
Impaayeera muummichi ministeeraa bilxiginnaa gidduu kana naannoo itti waraanni baay’ate misoomatti deebisuu fi namoota waggaa 60 fi 70 milishaa taasiste, misoomaatti deebisuun nama rakkisaa jechaa jiru, xumura bara 2021 afaanuma isaan uummatni waan qabuun ba’ee ofirraa akka lolatu waamicha dirqamaa erga dhiheessaniin booda ganda cufa keessatti namoota hubannoo seeraa fi olaantummaa uummataa hin beekne hawaasatti bobbaasuun ilmaan Oromoo bakkayyuu boossisaa jiraachuun ni beekama.

