Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Kaaba Shaggar ona Warra Jaarsoo keessatti kaleessa namoota shan ajjeesuun barame

Kaaba Shaggar ona Warra Jaarsoo keessatti kaleessa namoota shan ajjeesuun barame.

( ONM-ABO Bitootessa 01, 2022 )

Dachee Oromiyaa irratti uummatni Oromoo badii tokko malee rasaasaan rukutamee du’uun baratamaa ta’ee jira. Guraandhala 28,2022 godina kaaba Shaggar ona Warra Jaarsoo keessatti waraanni sirna faashistii PP namoota nagaa shan maqaa waraana Bilisummaa Oromoo waliin hidhata qabdu jedhuun sobaan yakkeenii gara jabummaa hamaan rasaasa itti roobsanii ajjeesan.

Namoota du’an kana keessaa kan maqaa arganne Darajjee Girmaa fi Tolosaa Tafarii yoo ta’u namootni ajjeefaman kunneen hawaasa keessatti namoota nagaa fi jaal’atamummaa qaban ta’uu jiraattootni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru. Kaaba Shaggar ona Warra Jaarsoo keessatti haalli nagaan jireenya uummata yeroo ammaa rakkoo keessa galuun uummatni sababa waraanni sirna PP tarkaanfii ajjeechaa fi manneen gubuu fudhachaa jiruuf bosonaa fi gaarreenitti baqatee rakkoo hamaaf saaxilamee jiraachuu Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa odeeffateera.

ONM-ABO Bitootessa 01, 2022

Exit mobile version