Ilmaan Oromoo poolisii federaalaa Itoophiyaa ta’uun tajaajilaa turan lama sirnicha ganuun WBOtti harka kennatan.
ONM-ABO Hagayya 18,2022 Waraanni murna bilxiginnaa sirnicha akka tiksaniif bobbaafaman sirnicha ganaa jiru.
Oromiyaa keessatti ilmaan Oromoo miseensa waraana bilxiginnaa ta’an carraa argataniin sirnicha ganuu itti fufuun kaleessa Hagayya 17,2022 godina Baha Shaggar ona Fantaallee mooraa poolisii federaalaa Itoophiyaa Matahaaraa irraa baduun WBOtti harka kennachuun gooticha Waraana Bilisummaa Oromoon sirna hoo’aan simatamanii jiru.
