Waraanni murna bilxiginnaa poolisii federaalaa fi raayyaa ittisa impaayeera Itoophiyaa ta’an afur Baha Shaggar ona Fantaallee fi Lixa Wallaggaa Qondaalaatti WBOtti harka kennatan.
ONM-ABO Hagayya 19,2022 Murni bilxiginnaa keessoon isaa jibbiinsa Oromummaan guutame ilmaan Oromoo humnaan qabee leenjii waraanummaa sirna Minilik akka tiksaniif kennaniifis sirnicha gananii keessaa ba’aa jiru.
Dheengadda Hagayya 17,2022 galgala ilmaan Oromoo lama kan miseensa poolisii federaalaa ta’uun sirnicha tajaajilaa turan mooraa cubbamaa fi dabaa bilxiginnaa ona Fantaallee magaalaa Matahaaraa keessaa ganuun gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo baha Shaggar ona Fantaallee keessa socho’utti harka kennatanii jiru.
Ilmaan Oromoo miseensoota poolisii federaalaa ta’an lamaan kun qawwee AKM lama, rasaasa gumbii saddeet guutuu fi boombii afur waliin harka kennatanii jiru.
Oduma wal fakkaatuun waraanni murna bilxiginnaa sirnicha ganuu itti fufuun miseensootni raayyaa ittisa impaayeera Itoophiyaa ta’an lama sirna dabaa uummata Oromoo lafa irraa duguugaa jiru ganuun godina Lixa Wallaggaa ona Qondaalaa keessatti WBOtti harka kennatanii jiru.
Ilmaan Oromoo kunneen mooraa diinaa keessaa qawwee AKM lama rasaasa 418, boombii sadii hidhannoo waliin fidanii WBO dhuunfachiisanii jiru.
Lola uummata Oromoo qofa cabsuuf geggeeffamaa jirutti ilmaan Oromoodhuma bobbaasaa kan jiru sirni bilxiginnaa, yeroo ammaa ilmaan Oromoo meeshaa diinaa baatanii jiran adeemsa sirnichaa itti dammaquun sirnicha mooraa cufa keessaa ganaa jiraachuu gabaasaa turre.

