Miseensonnii Poolisii Federaalaa lama sirnicha ganuun baha Shaggar ona Boosaat keessatti WBOtti harka kennatan.
(ONM-ABO Onk 11, 2022)
Impaayera Itoophiyaa keessattii ilmaan Oromoo hojii loltumman sirnicha tajaajilan sababa Oromummaa isaani qofaaf arrabsoon sanyummaa irratti xiyyeeffate fi ija shakkiin ilaalamuun xiinsammuu miidhama sirnichaaf ergaman sirnicharratti dammaquun mooraa bilxiginnaa ganani baha jiru.
Onkoloolessaa 10,2022 miseensotni Poolisii Federaalaa lama baha Shaggar ona Boosaat keessaa sirnicha ganuun gara mooraa qabsoo Oromoo ABO-WBOn taliigamutti makamanii jiru.
Ilmaan Oromoo kunneen Meeshaa AKM turk 2, rasaasaa 300 ,Boombii imimmaanessa lamaa fi Boombi F1 lama hidhannoo guutuu waliin fiduun moora qabsoo Bilisummaa Oroomo gabbisani jiru.
Miseensonnii Poolisii Federaalaa kunneen simanna gooticha waraana bilisummaa Oroomo taasiseefitti gammaduun gocha farrummaa isaani duraaf Ummata Oromoo dhiifama gaafatani jiru.
Hooggansi Waraana Bilisummaa Oroomo naannichas ilmaan Oromoo kanaaf gorsa siyaasa kennuufin ilmaan Oromoo osoo hin beekinis ta’e dirqaman sirnicha tajaajilaa jiranif irra deebiin waamicha godhaniru.
Miseensonnii Poolisii Federaalaa lama sirnicha ganuun baha Shaggar ona Boosaat keessatti WBOtti harka kennatan

