Waraanni murna bilxiginnaa ilma Oromoo tokko magaalaa Dirree Dhawaa keessatti qabuun achi buutee dhabamsiisan.
ONM-ABO Hagayya 19,2022 Waraanni faashistii impaayeera Itoophiyaa Abiy Ahimediin hogganamu ilmaan Oromoo godinaalee Oromiyaa mara keessaa adamsee qabuun achi buutee dhabamsiisaa jira.
Akka kanaanis baatiin lamaan dura ilmaan Oromoo maqaa isaa Mahaammad Siraaj jedhamu kan magaalaa Dirree Dhawaa naannoo 07 jiraatu galgala osoo inni masjiidaa salaatee ba’uu waraanni murna bilxiginnaa ukkaamsuun achi buutee dhabamsiisanii jiru.
Mahaammad Siraaj nama umriin isaa 34 yoo ta’u, hojii dukkaana qoma irratti ganda 07 keessa naanna’ee hojjechuun kan of jiraachisu ture malee hammeenya tokko iyyuu akka hin qabne jiraattootni naannoo isaa ni dubbatu.
Mahaammad dhalataa godina Lixa Harargee magaalaa Baddeessaa yeroo ta’u jireenya isaa fooyyeffachuuf magaalaa Dirree Dhawaatti galee namoota waliin nagaa fi jaalalaan hojii isaa hojjetachaa turus, murni jiraachuu ilmaan Oromoo hin barbaanne baatii lamaan dura erga butee dhabamsiisee qaamninas jira jedhe hin jiru.
Maatiin fi hiriyoonni isaa manneen hidhaa magaalaa Dirree Dhawaa fi Badeessaa keessa gaafatanis akka hin argine Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

