Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Waraanni faashistii PP dargaggoo Gaaddisaa Ahimed Yuuyyaa jedhamu magaalaa Dirree Dhawaa keessaa qabuun achi buutee dhabamsiisan 

ONM-ABO Mudde 6, 2023

Waraanni faashistii PP Abiy Ahimediif amanamoo ta’aan dargaggoo Gaaddisaa Ahimed Yuuyyaa jedhamu Amajjii 25, 2023 magaalaa Dirree Dhawaa bakka Dirree Cirrachaa jedhamutti qabuun aanaa Guraawaa mana hidhaa Lij Iyyaasuutti erga hidhaniin booda manneen hidhaa adda addaatti dabarfamuun hanga ammaa hin argamin jira.

Dargaggoo kana baatii sagal aanaa Guraawaatti erga hidhaniin booda mana hidhaa magaalaa Hararitti dabarsanis, guyyuma sana maatiin deemee waajjira qajeelcha poolisii godina Baha Harargee gaafatus deebiin kennameef ifannaan maatii ari’uu ture.

Maatiin dargaggoo Gaaddisaa osoo hin dadhabne borumtaa isaas dhaqanii waajjira poolisii gaafatanis deebii argachuu dhabuun namoota irraa yeroo qoratan ilmi isaanii halkan bakka hin beekamnetti fe’amuu dhaga’aanii ofirra deebi’an.

Waraanni faashistii PP siyaasa kiyyaaf ilaalcha gaarii hin qabdan sababa jedhuun namoota nagaa qabee reebuu, ajjeesuu fi saamuu kan jabeesse yoo ta’u, maatiin dargaggoon isaanii jalaa dhabame kun yaaddoo nu jalaa ajjeesu jedhu keessa galuun dhiphachaa akka jiran maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Exit mobile version