ONM-ABO Waxabajjii 23, 2025
Waxabajjii 20, 2025 waraanni impaayerattii godina Baha Wallaggaa aanaa Billoo Boshee ganda Boshee Tinbaakkoo jedhamu keessatti dargaggoo tokko kan maqaan isaa Buzunaa Fayisaa jedhamu badii tokko malee mana maatii isaatii ukkaamsuun waajjira poolisii aanichaatti hidhanii dararaa ulfaataa irraan gahaa jiraachuu maddeen itti dhiheenyaan beekan Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf addeessaniiru.
Akka maddeen himanitti, namni kun badii qabaateef osoo hin taane kaadiroonni PP guutummaa gandichaa keessatti umurii fi saalaan osoo adda hin baasin hawaasa nagaan qe’ee fi qabeenya isaa irra jiraatu sababoota sobaa garaa garaa itti maxxansuun hidhaatti darbachuudhaan erga hidhaniin booda, “mana hidhaa irraa isin baafna” jechuun maallaqa guddaa irraa fudhachaa jiraachuu fi wayita namoonni hidhaman “dhuguma” jedhanii maallaqa gaafataman kaffalanis, manuma hidhaa tursanii hiraarsaa jiraachuu itti dabaluun ibsan.
Murni dantaa dhuunfaa Koloneel Abiy Ahimed tiksuu qofaaf uummata nagaa bahaa fi gala dhorkaa oolan ergamtoonni sirnichaa, golee Oromiyaa mara keessatti sabboontota ilmaan Oromoo badii isaan hin beekneen yakkanii qabuun achi buutee dhabamsiisuu, ajjeesuu, saamuu fi reebicha garaa garaa irratti raawwachuu hojii idilee isaanii taasifatanii jiru.

