ONM-ABO Adoolessa 10, 2025
Kufaatii gama maraan impaayerattii mudachaa jiru irraa of bararuuf uummata nagaa hidhuu, ajjeesuu, reebuu, saamuu fi dararuu akka furmaataatti kan ilaalu murni Bilxiginnaa, kaadirootaa fi waraana isaa kanneen imimmaan haadha hiyyeessaa lolaasaa oolan guutuu Oromiyaa keessatti bobbaasuun sarbamiinsa mirga namoomaa uummata Oromoo irratti raawwachiisaa jira.
Adoolessa 4, 2025 waraanni impaayerattii Baha Wallaggaa aanaa Billoo Boshee ganda 01 keessaa dargaggoo maqaan isaa Saamu’eel Taakkalaa jedhamu badii tokko malee osoo inni daandii deemuu ukkaamsuun waajjira poolisii aanichaatti hidhanii hiraarsaa jiraachuu maddeen ONM’tti himanii jiru.
Akka maddeen himanitti, dargaggoon kun badii hojjetee yookaan ammoo hirmaannaa siyaasaa garee faallaa sirnichaa qabaateef osoo hin taane, shakkiin badii tokko osoo inni hin raawwanne gochi kun kan irratti raawwatame yoo ta’u, armaan duras maqaa “hariiroo WBO qabda” jedhuun baatii 3 oliif hidhamee kan ture ta’uu Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

