Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Waraanni Faashistii Bilxiginnaa Godina Baha Wallaggaa Aanaa Billoo Boshee keessatti dargaggoo tokko ajjeese

ONM-ABO Fulbaana 21, 2024

Maqaa “sakattaa Waraana Bilisummaa Oromoo” jedhuun goleewwan Oromiyaa mara keessatti kan bobbaafaman Waraanni sirna dhableessi impaayera bututtuu Itiyoophiyaa, sabboontota Oromoo badii tokko malee adamsuudhaan hidhuu, ajjeesuu fi saamuu akkasumas dararuu hojii idilee isaa taasifatachuu jabeessanii jiru.

Fulbaana 15, 2024 waraanni murna goolessituu Bilxiginnaa kun godina Baha Wallaggaa  aanaa Billoo Boshee ganda Yaada Hundaa bakka addaa Qidaamee jedhamutti  dargaggoo maqaan isaa Taakkalaa Kumsaa jedhamu mana jireenyaa isaa keessaa fuudhuudhaan akka bineensaatti rasaasa itti roobsanii ajjeesanii gatuu maddeen himan.

Akka maddeen himanitti, “dargaggoon kun nama siyaasa kam keessaayyuu qooda hin qabnee fi hawaasa keessatti jaallatamummaa guddaa qabu yoo ta’u, murni aangoo of harkaa qabu Bilxiginnaan, sababa Waraana Bilisummaa Oromoo lolaan injifachuu dadhabeef uummata nagaa irratti maqaa deggertoota isaaniiti jedhuun gocha gara jabinaa raawwachaa jiras” jechuudhaan Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Exit mobile version