ONM-ABO Waxabajjii 25, 2025
Baha Wallaggaa aanaa Billoo Boshee ganda Boshee Timbaakkoo jedhamu keessatti ergamtoonni sirnichaa Waxabajjii 21, 2025 uummata nagaa badii tokko malee jumlaan ukkaamsuun mana hidhaatti guuraa kan turan yoo ta’u, isaan keessaas kan maqaan nu ga’e:
- Obbo Abarraa Kabbadaa Tolaa,
- Obbo Shaambaal Biraanuu Ayyalaa,
- Obbo Fiqaaduu Tasammaa,
- Obbo Buzunaa Fayisaa Abbabaa,
- Obbo Lammeessaa Bantii fi ilmasaanii
- dargaggoo Dassaalee Lammeessaa Bantii,
- Obbo Taaddasaa Ayyaanaa fi ilmasaanii
- dargaggoo Daawwit Taaddasaa Ayyaanaa,
- Obbo Abdii Caaqaa fi obboleessa isaa
- Obbo Baqqalaa Caaqaa kanneen jedhaman ta’uu maddeen ONM’tti himanii jiru.
Akka maddeen himanitti, namoonni jumlaan hidhaman kunneen yakka tokkollee qabaataniif osoo hin taane, ergamtoonni gara jabeeyyiin PP qe’ee fi qabeenya isaanii irratti argaa jibbuun sababa sobaa isaan hin ilaallanne itti maxxansuun gocha dabaa kana irratti raawwachuu dubbatu.
Murni nageenya uummataatti gufuu ta’ee miidhaa ulfaataa geessisaa jiru Bilxiginnaan, impaayera Itiyoophiyaa utubuuf jecha jaleewwan isaa kumaatamaan goleewwan Oromiyaa cufatti bobbaasuun ilmaan Oromoo cunqursaa kan jiran ta’uun ni beekama.

