Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Magaalaa Dirree Dhawaa keessatti dargaggoonni Oromoo hedduun qabamuun achi buutee dhabamsiifaman

ONM-ABO Ebla 9, 2024

Ilmi namaa Oromiyaa keessatti bakka tokkoo socho’ee bakka biraatti jireenya isaa geggeeffachuuf bara murna bilxiginnaa keessa rakkoo keessa galuun maqaa siyaasaan hidhaa fi ajjeechaa irratti raawwachaa jiru.

Haaluma kanaan guyyaa dheengaddaa jechuun Ebla 7, 2024 halkan toora sa’a 4:00 irratti hidhattootni murna bilxiginnaa bulchiinsa magaalaa Dirree Dhawaa keessaa dargaggoota hedduu karaa irraa qabanii konkolaataatti naquun bakki isaan geessan hin beekamin jiraachuu maddeen magaalichaa ONM’tti himan.

Dargaggoota qabaman keessatti Eeliyaas kan jedhamu dhalataan Gaara Mul’ataa aanaa Burqaa Tirtiraa kan ta’e keessatti akka argamu dabaluun himaniiru.

Murni bilxiginnaa addatti dargaggoota Oromoo irratti xiyyeeffachuun sababoota adda addaan humnaan qabee erga hidheen booda adda waraanaatti waan erguuf carraan dargaggoota kanaa maal akka ta’u wallaaluun hiriyoonni isaanii yaadda’aa jiraachuu dubbataniiru.

Exit mobile version