Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Wallaggaa ona Guutoo Giddaa keessatti dabballoonni PP gargaarsa dhaabbata miti mootummaan uummata Oromoo qe’ee irraa buqqaafamaniif dhufe dantaa dhuunfaaf oolfachaa jiraachuun dhagaa’ame

Godina Baha Wallaggaa ona Guutoo Giddaa keessatti dabballoonni PP gargaarsa dhaabbata miti mootummaan uummata Oromoo qe’ee irraa buqqaafamaniif dhufe dantaa dhuunfaaf oolfachaa jiraachuun dhagaa’ame.

ONM-ABO Hagayya 20,2022 maafi’aan maqaa mootummaatiin wal gurmeessee fedhii dhuunfaa isaa qofaaf hojjetu finxaaleyyii Amaaraa hidhachiisuun uummata Oromoo irratti dhukaasa bansiiseen qe’ee irraa buqqaa’anii turan.

Haaluma kanaan dhaabbata miti mootummaa Sinodoosii Waldaa Warra Wangeelaa Makkaana Iyyeesuusiin uummata Oromoo qe’ee irraa buqqaafamaniif gargaarsa midhaan nyaataa, uffata, meeshalee mana keessaa fi kanneen kana fakkaatan uummatichaaf akka hiramuuf qopheessus dabballoonni PP aanaa Guutoo Giddaa magaalaa Horroo Alaltuu uummata dhorkachuun Firoottaan isaanii fi namoota sirna isaaniif ergaman qofaaf kennaa jiraachuu jiraattoonni gochi kun irratti raawwatame yaada isaanii Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Dabballoonni garaaf jiraatan kun gargaarsa uummataaf dhufe kana harka caaluu ofii dhuunfachuun dantaa mataa isaaniif oolfachaa jiraachuu maddeen dabaluun ifoomsaniiru.

Dabballoonni sirna PP aanaa Guutoo Giddaa magaalaa Horroo Alaltuu keessatti dura bu’ummaan gargaarsa uummataaf dhufe saamaa jiraan :Malkaamu Biddiisaa kantiiba magaala Horroo Alaltuu ganda 01, Nasiibuu Birraatu Bulchiinsa ganda baadiyaa, Habtaamuu Fufaa itti aanaa bulchiinsa aanaa Guutoo Giddaa fi nama maqaan isaa Mulaatuu Gaaroo jedhaman ta’uunis beekameera.

Murni bilxiginnaa kun qabsoo dhiigaa fi Lafeen ilmaan Oromoo itti cabe butuun aangootti erga ol ba’ee uummata Oromootti waraana bobbaasuun qe’ee irraa buqqisiisuun cinaatti gargaarsa uummatichaaf dhufes fedhii dhuunfaaf oolfachuun isaanii nu mufachiise kan jedhan jiraattoota ona Guutoo Giddaati.

Exit mobile version