Kaaba Shaggar bulchinsa magaalaa Fiichee keessatti murni bilxiginnaa hidhaan dargaggoota dararaa jira jechuun jiraattootni komatan.
ONM-ABO Hagayya 20,2022 bilxiginnaa gadaa aangoo isaa dheerefachuuf jecha Oromiyaa keessatti ilmaan haadha hiyyeessaa barumsaa fi hojii dhuunfa isaanii hojjatatanii ofii fi maatii isaanii jiraachisanitti gufuu ta’uun ijoollee hawaasa biratti dhageetti qabanii fi bakka guddaatti eegaman sodaa aangoo isaaniif jecha carraa isaanii gubuun mana hidhatti darbanii dararaa jiru.
Gareen maafiyaa PP kun erga sakkataa Waraana Bilisummaa Oromoo jechuun waraana isaa hedduminaan Oromiyaa keessatti bobbaasee namoonni dhibbootaan lakkaa’aman kan ajjeesanii fi gariin ammoo qe’ee isaanii irra buqqisaniiru.
Haaluma kanaan kaaba Shaggar bulchinsa magaalaa Fiichee keessatti yeroo amma dargaggoonni hedduun maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo deggertu jedhamuun mana hidhaa waajjira poolisii magaalichaatti hidhanii dararaa jiru.
Dargaggoo Bottee Tolchaa sababa tokko malee mana murtiitti osoo hin dhiyaatin waggaa tokkoo oliif maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo itti maxxansuun dararaa jiru jechuun jiraattootni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Namoonni murtii malee mana hidhaa aanicha keessatti dararamaa jiran lakkoofsaan 200 ol kan ta’an yoo ta’u, mana hidhichaa keessatti dhukkubsatanii yaala dhabuun kan achi keessatti du’an illee akka jiran dabaluun ibsaniiru.

