Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Kaabaa Shaggar bulchinsa magaalaa Fiichee dabalatee aanoota godinichaa Yaayyaa Gullallee fi Dagam keessatti hidhaa fi dararriin hammaate

Kaabaa Shaggar bulchinsa magaalaa Fiichee dabalatee aanoota godinichaa Yaayyaa Gullallee fi Dagam keessatti hidhaa fi dararriin hammaate.

ONM-ABO Onkoloolessa 22, 2022
Kaaba Shaggar aanoota hedduu keessatti mootummaan abbaa irree Itoophiyaa waraana naamusa waraanummaa fi siyaasa hin qabne uummata harka duwwatti bobbaasuun guyyaa guyyaan lubbuu ol adeemtoota dhabamsiisaa fi hiraarsaa oolu. Haaluma kanaan kaaba Shaggar bulchinsa magaalaa Fiichee keessatti dargaggoota lakkoofsaan hedduu ta’an waraanni bilxiginnaa qabee hidhee ture manni murtii bilisaan gad dhiisuus wajjirri poolisii diduun mana hidhaatti dararama jiru.
Dargaggoonni hidhamanii jiran kunis, Abdiisaa Salaalee, Soorressaa Girmaa ,Tolosaa Gabbisaa, Obsee(Boontuu) Mikiruu ,Ayyaantuu Kaffaalaa, Birraa Damee , Shallamaa Baacaa , Tasfaayee Kaffaalaa ,Shallamaa Jootee ,Dajanee Tashoomaa, Qabbanaa Ijaaraa fi kan maqaan nu hin ga’in illee hedduutu jiru. Godinuma sana aanaa Yaayyaa Gullallee keessattis hidhaa fi dararriin uummata nagaa irratti raawwatu jabaate itti fufuun obbo Hayiluu Sanbataa, Dinquu Shifarraa, Roobaa Assaffaa, barsiisaa Geetahuun Sanbataa fi barataa yuunivarsiiti deemuuf turee Tasfaayee Birhaanuu kan jedhamu baatii muraasa dura akka lakkoofsa impaayerititti yuunivarsiiti deemuuf osoo qophiitti jiru qabanii hidhuun manni murtii bilisaan lakkisuus waajjirri poolisii warra farra riphee loltootaf dabarsanii kennun dararri hamtuu irraan ga’an. Sababa yuunivarsiitii irraa hidhaan hambisaniif sammuun dhukkubuun mana hidhaa keessatti maraataa ta’e yaala dhorkatamuun achi keessatti rakkachaa jira. Kana malees aanaa Dagam magaalaa Daalattii keessaa waraanni PP ba’uun iddoo Qacama jedhamutti sangoota lama kan obbo Dirasee Hundee jedhamu rasaasan rukuchuun kan ajjeesan yoo ta’u namni kun sangoota kana furdisee gurgurachuuf kan ture ta’uu fi sangoonni kunis tokkon tokkoon isaanii tilmaamaan qarshii 60,000 hanga70,000 baasu kan jedhan jiraattoota ona Dagami.

Exit mobile version