Godina Baha Wallaggaa ona Haroo Limmuu keessatti keessattii fi Gujii Lixaa Bulee Horaatti waraanni faashistii PP manneen uummata guban.
ONM-ABO Hagayya 22,2022 Gareen maafiyaa PP ilmaan Oromoo dararuu qofaaf aangoo siyaasaa qabatee jiru, Oromiyaa godinaalee garaagaraa keessatti qonnaa bultoota manneen jalaa gubuun mana maleeyyii taasisaa jira.
Akka kanaanis Baha Wallaggaa ona Haroo Limmuu ganda Odaa Guddinaatti torban Sanbata darbee jechuun gaafa Hagayya 13/2022 mana obbo Maammo Baqqalaa jedhamu, obboleessi kee Waraana Bilisummaa Oromoo keessa jira jechuun mana jireenyaa kan guban yoo ta’u guyyuma sana achumatti mana obbo Fayyisaa Raggaasaa nama jedhamu WBO gargarta jechuun jala gubanii jiru.
Waraanni faashistii Abiy Ahimed uummata nagayaa kan siyaasa kam irraa iyyuu bilisa ta’e badii tokko malee godina Gujii Lixaa ona Bulee Horaa ganda Gaalee Magaadaa keessatti Hagayya 18,2022 manneen qonnaan bultoota 15 gubanii jiru.
Qonnaan bultootni manneen jalaa gubate Baatuu Nyaaphoo, Elemaa Geeloo, Kateeloo Taaddesee, Henook Taaddesee, Qiliwwix Galgaloo, Jiloo Dhugoo, Uturaa Shankaa, Canaa kansuu, Malaakuu, Quuraa, Abirhaam, Morkataa Bunoo, Taarikuu Areeroo, Saafayii Nyaaphoo fi Ruudaa Bunoo kanneen jedhaman akka ta’e odeessi maddeen ona Buleen Horaa irraa arganne ni addeessa.
Ilmaan Oromoo manneen jalaa gubate kun qabeenya isaanii tokko kan hin baafanne yeroo ta’u, yeroo ammaa lafa mataa isaanii jalatti qabatan dhababii jireenyaan dararamaa jiraachuu maddeen dabaluun ibsaniiru.

