Godina Kaaba Shaggar aanaa Dagam keessatti waraanni garee maafi’a bilxiginnaa manguddoo tokko ajjeesuun dhaga’ame.
ONM-ABO Hagayya 22,2022 Oromiyaan dachee abbaan irree akka barbaadetti ajjeesuu, hidhuu, saamuu fi reebuu erga taate addatti waggoottan afur lakkoofsistee jirti.
Waraanni ilmaan Oromoof naasuu hin tokko hin qabne godina kaaba Shaggar aanaa Dagam ganda Hannaa Jirruu Gadam keessatti kaleessaa jechuun gaafa Hagayya 21, 2022 bariidhan aanaa Dagam irra bobbaa’uun manguddoo dhufeera addunyaa Gammadaa jedhamu mana isaa biratti Waraana Bilisummaa Oromoo waliin hidhata qabda jechuun rasaasaa sadii itti roobsanii ajjeessan.
Manguddoon ajjeefame kun nama nagaa fi qonnaan bulaa siyaasa kam irra iyyuu bilisa ta’e akkasumas manguddoo hawaasa ollaa isaa biratti kabajaa qabaachuun akka jaarsa biyyatti namoota tajajilu ta’uu ibsaniiru.
Torbanoota darbanis doorsifni garaagaraa dabballoota murna bilxiginnaan kan irratti adeemsifama turee fi meeshaa mootummaaf galchi yeroo jedhanittis, meeshaa maalii qabna, kan qabnu isintu nu harkaa fuudhe jedhee yaada isaa dhiheeffatus guyyaa kaleessaa kana qaanii tokko malee gar jabummaan ajjeessan jechuun maatiin Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf himaniiru.

