Hidhaan shamarran Oromoo irratti xiyyeeffatee fi saamichi godina Qellem Wallaggaa aanaa Jimmaa Horroo keessatti hammaachun dhagahame.
ONM-ABO Hagayya 27, 2022 Gareen maqaa mootummaatiin wal ijaare waraana sirnichaaf amanamoo ta’an uummatatti bobbaasuun yakkoota seenaa fi seeraan isa gaafachiisu lammii isaa irratti hojjechiisa jira.
Akka kanaanis Hagayya 24, 2022 godina Qellem Wallaggaa aanaa Jimmaa Horroo ganda Tibbee keessatti shamarran Oromoo lakkoofsaan afur ta’an badii tokko malee qabuun hidhanii darara jiru.
Shamarran Oromoo Oromummaa isaanii qofaaf mana hidhaatti dararamaa jiran kun Daraartuu Gannatii, Daraartuu Tashooma akkasumas obboleewwan lama Keeriyaa Nuuruu fi Iteenash Nuuruu kan jedhaman akka ta’e maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaa ibsaniiru.
Oduu biraatiin ammoo onuma Jimmaa Horroo ganda Kaabbaa Sayyootti kaleessa jechuun Hagayya 26,2022 waraannii sirna PP dukkaana obbo Zeeynuu Adam cabsuun qabeenya guutuu saamuun cinaatti obbo Shiibee Dammaksaa nama jedhamu qabanii deemu maddeen gamasii dubbisne addeessaniiru.

