ONM-ABO Fulbaana 10, 2024
Impaayera Itiyoophiyaa keessatti balaa uumamaa irra deddeebiin mudachaa jiruun lubbuun namootaa fi qabeenyaa irra dhaqqabuun itti fufeera.
Fulbaana 8, 2024 balaa sigiga lafaa godina Qellem Wallaggaa aanaa Jimmaa Horroo mudateen lubbuun namoota 3 darbuun namoota 150 irratti miidhaa cimaan qaqqabuu fi manneen jiraattotaa 10 ol manca’eera.
Taateen Kunis aanaa Jimmaa Horroo gandoota Akkoo Jirruu, Iluu Kittaayee fi Unee keessatti ogguu ta’u hanga gabaasni kun qindaayetti qaamni hawaasa onichaaf birmate akka hin jirre jiraattonni ONM’tti himan.
Gandoonni sadan balaan sigiga lafaa mudate kunis bakka oomishni lafa hektaara 2.5 irratti misoomee ture ta’uun kan dubbatamu yoo ta’u, murni badiinsi uummata Oromoo isaaf gammachuu ta’ee namoota miidhaa guddaan miidhamanii jiraniif birmannaa kan hin taasisneef hanga ammaatti yaalii homaa akka hin argannes ONM odeeffateera.
Ogeessonni fayyaa onichaa akka jedhanitti hanga ammaatti namoonni yaalaaf dhufan muraasa ta’uu himuun, bilxiginnaan siyaasa isaaf jecha akkaataa itti dhaabbilee gargaarsaa fi abbootii qabeenyaa irraa maqaa isaaniin maallaqa argatu itti yaadaa jira malee rakkoo bu’uuraa miidhamtoota kanaa furuuf tattaaffiin taasifamu hin mul’atu jedhan.
Kana malees aanicha keessa qorichi ga’aatti akka hin dhufnee fi inni dhufus buufata fayyaa aanichaaf rabsamuu dhorkanii waan jiraniif miidhaan fayyaa biroonis hedduu ta’uu kaasu.
Baatii gannaa kana sigigni lagaa naannoo Amaaraa fi kibba impaayerattii bakkoota adda addaatti lubbuu namoota dhibbootaan lakkaa’aman galaafachuun miidhaa qabeenyaas qaqqabsiisuun ni yaadatama.

