Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Wallaggaa magaalaa Gimbiitti balaa sigiga lafaa mudateen miidhaan qabeenyaa irra gahe

ONM-ABO Fulbaana 16, 2024

Kutaalee Oromiyaa cufa keessaa balaan uumamaa sigigaachuu lafaa fi rooba cimaa roobuun lolaan yeroo ammaa kana bakkeewwan adda addaatti mul’achuu irraa kan ka’e miidhaan lubbuu namaa fi qabeenyaa irratti qaqqabu itti fufeera.

Haaluma kanaan, godina Lixa Wallaggaa magaalaa Gimbiitti balaa sigiga lafaa mudatee jiruun miidhaan qaqqabeera.

Magaalaa Gimbii bakka addaa Laga Gabaa jedhamutti balaa sigiga lafaa uumameen manneen jireenyaa hedduun gadi liqimfamuu fi yeroo ammaa kana baqaqiinsi lafaa gara magaalattiitti deemaa kan jiru yoo ta’u, kunis yaaddoo hamaa itti ta’ee jiraachuu jiraattonni magaalichaa himanii jiru.

Akka jiraattonni kun eeranitti, balaan sigiga lafaa kun kan mudate torban darbe keessa ta’uu eeruun, daandiin cirracha gurraachaa Finfinnee irraa ka’ee hanga Asoosaa fi Dambii Doollootti deemsisu magaalaa Gimbii bakka addaa Sarxee jedhamutti citee rakkoo hamaa argaa turuu fi murni nama  nyaataa PP suphiinsa daandii kanaaf fedhii kan hin qabnee akkasumas dantaa hawaasaa eeguuf kutannoon akka hin jirre ilaalaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf ifoomsaniiru.

Exit mobile version