WBOn Cibraa Soddom Booroo Waraana Weerartuu Murna Faashistii Itoophiyaa Irratti Tarkaanfii Guggubduu fudhachuu beeksise.
ONM-ABO Hagayya 27,202 Irree fi wantee sabaa, gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo Zoonii Kibbaa Cibraa Soddom Booroo guyyaa kaleessa Hagayyaa 26/2022 tarkaanfii guggubduu waraana weerartuu PP irratti godina Gujii Baha aanaa Gumii Eldalloo ganda Bulbulii fi Malkaa Gubaa giddu bakka Mataa Goyii jedhamutti fudhateen waraana weerartuu bilxiginnaa 72 du’an yoo adabu 48 madoo gurguddaan adabee konkolaata isheen ittin imala turte 15’n guutuutti hojiin ala taasiseera.
Gama Meeshaatiin
Dishqaa 1
AKM 25
Rasaasa dishqaa, bireena fi meeshaalee qunnamtii garaagaraa irraa hiikuun galii moonaa Qabsoo Bilisummaa Oromoof oolcheera.
Fedhiin Oromoota hedduu isa ta’e Bilisummaa fi Walabummaa afaan qawwee WBOn ni mirkaneessina!
Injifannoon Uummata Oromoof!

