Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Bulchiinsa magaalaa Buraayyuu keessatti maallaqa deggersa murna bilxiginnaa jechuunii fi namoota nagaa qabanii hidhuun itti fufe

Bulchiinsa magaalaa Buraayyuu keessatti maallaqa deggersa murna bilxiginnaa jechuunii fi namoota nagaa qabanii hidhuun itti fufe.

ONM-ABO Hagayya 29,2022 Murni bilxiginnaa dabballootaa fi waraana isaa uummata nagaatti bobbaasuun maallaqa irraa saamaa akkasumas hidhaa fi leenjii waraanummaatti humnaan erguun dararaa hojjetu itti fufee jira.

Gochi badii kun bulchiinsa magaalaa Buraayyuu keessatti jabaatee kan itti fufe yoo ta’u, namoota waltajjii baasuun maallaqa deggersa murna bilxiginnaa fida jechuun maallaqa namni kafaluu hin dandeenye itti ramadaa jiru.

Kana malees magaalicha keessatti dafqaan bultootni konkolaataa simintoo irraa buufatanii akka maallaqa hin arganne kan taasisan yoo ta’u dargaggoota haala kanaan hojii dhabanii daandii gubbaa irra oolan ammoo sobaan yakkanii qabuun gariin mana hidhaatti gariin isaanii ammoo leenjii waraanummaa ergaa jiraachuun maddeen nuuf himan.

Dheengadda Hagayya 27,2022 gandoota magaalaa Buraayyuu keessa jiran kanneen akka Keella, Gafarsaa Buraayyuu, Kattaa fi Maaramii keessaa mana puulii irra deemuun qeerroowwan guuraa turaniiru.

Magaalaa Buraayyuu keessatti hawaasni qaala’iinsa jireenyaan kan waxaalamaa jiru ta’us murni dararamuu uummata Oromoon keessi isaa boqotu garuu sababoota addaa addaa uumuun uummata magaalattii torbee darbe irraa qabee goolaa jiraachuu maddeen dabaluun ibsaniiru.

Exit mobile version