Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Murni Bilxiginnaa waraqaa gaa’ila irraa bilisaa baafadhaa jechuun maallaqa ittiin yoo funaanan, magaalaa Buraayyuu keessatti maqaa mana gurguramee jijjiiruuf bakkoota hedduutti matta’aa kaffaluun dirqii ta’uu ONM odeeffateera 

ONM-ABO Gurraandhala 20, 2025 

Bara bulchiinsa Bilxiginnaa keessa keessumaa erga haaromsa dinagdee jechuun xumura baatii Adoolessa 2024 keessa hojiitti galanii qabeenya mootummaan hoogganamaa ture gara dhuunfaatti dabarsuuf qophii taasisaa fi madda galii bal’isnaan jireenya akkasumas sochii hawaasni guyya guyyaan taasisu irraa maallaqa guuraa jiraachuun barame.

Wantootni dhaga’uuf ulfaatan impaayerattii keessatti mul’achuu itti fufuun magaalota Oromiyaa mara keessatti waraqaa gaa’ila hin dhaabbanne jedhu fudhachuun dirqama erga taasisaniin booda, waraqaa gaa’ila hin qabu, qofaa kiyya jedhu argachuuf maallaqa akka kaffalchiisan Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa odeeffateera.

Waraqaa kana argachuun duras kaffaltiiwwan akka buusaa gonofaa, deggersa uffataa fi nyaata milishaa akkasumas hojii misoomaa jechuun namoota irraa dirqamaan fuuchaa jiraachuu namootni dhimma kanaaf waajjira Bilxiginnaa deeman himaniiru.

Kun kanaan osoo jiruu, bulchiinsa magaalaa Buraayyuu keessatti ammoo tajaajilamtootni tajaajila argachuuf matta’aa humnaa olii kaffalaa jirra jedhu.

Bulchiinsa magaalattii aanaalee adda addaa keessatti abbaan dhimmaa, dhimma achii qabu xumursifachuuf yeroo waajjira dhaqutti hooggantoota waajjiraaf matta’aa kaffalaa jiraachuu himu.

Mana bituu fi gurguruun maqaa walii jijjiiruuf sadarkaa duraatti aanaa Gafarsaa keessatti nama tokkoof qarshii 30,000 kaffaluun dirqii ta’uu kan himan, abbootiin dhimmaa, nama itti dhiheenyaan dhimmicha eegale malee qaamoleen olaanoon bakka jiranitti maallaqni isaan jedhan karaa namaa yookiin baankii akka ergamuun dubbatu.

Mataan Bilxiginnaa impaayera oditarri muummichaa wagga waggaan cufiinsa baajataa irratti maallaqa miliyoonota dhibbaan lakka’amutu qisaasa’e jedhutti, qarshii 1 uummata Itiyoophiyaa jalaa hin hatu jedhee waakkatus, gabaasa torbee dura Gurraandhala 11, 2025 dhimma malaammaltummaa biyyoota addunyaa ilaalchisuun ba’een Itiyoophiyaan sadarkaa 99’ffaa irra taa’uun ni beekama.

Exit mobile version