Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Wallaggaa ona Eebantuu keessatti jaartii ganna 60 olii hidhuun dararaa jiraachu jiraattoonni dubbatan

Godina Baha Wallaggaa ona Eebantuu keessatti jaartii ganna 60 olii hidhuun dararaa jiraachu jiraattoonni dubbatan.

ONM-ABO Hagayya 29, 2022 Murni PP ilmaan Oromoo Saalaa fi umriin osoo hin qoodin mana hidhaatti dararuu itti fufe jira.

Haaluma kanaan godina Baha Wallaggaa ona Eebantuu ganda Qeelloo keessatti Hagayya 27,2022 aaddee Seedarii Doojaa Jaallataa kan jedhaman jaartii ganna 60 oliitiin hidhata WBO qabdu ittiin jechuun waajjira Poolisii magaalaa Eebantuutti darara jiru.

Aaddee Seedarii Doojaa jaartii dadhaboo siyaasa keessa qooda fudhachuu hin dandeenye murni PP jibbiinsaa fi maanguddoo Oromoof kabaja dhabuun umrii itti kunuunsi maluutti mana hidhaatti darbachuun diinumma bilxiginnaan uummata Oromoof qabu ifatti mul’isa jechuun jiraattoonni ona Eebantuu yaada isaanii addatti Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Godina baha Wallaggaa ona akka Giddaa Ayyaanaa keessattis murni bilxiginnaa ilmaan Oromoo dararuu dalagaa godhate jiru hidhaa fi manneen namootaa gubaa turuu gabaasaa turre.

Exit mobile version