Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

WBOn zoonii lixaa godina Baha Wallaggaa ona Arjoo Guddattuu keessatti diina adabuun meeshaalee waraanaa fi waraana sirna PP 3 booji’e

WBOn zoonii lixaa godina Baha Wallaggaa ona Arjoo Guddattuu keessatti diina adabuun meeshaalee waraanaa fi waraana sirna PP 3 booji’e.

ONM-ABO Fulbaana 2, 2022 Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn tarkaanfii laalessaa waraana weerartuu bilxiginnaa irratti fudhachuu itti fufuun godina baha Wallaggaa ona Arjoo Guddattuu keessatti diinaa daaraa gochuuun meeshaalee waraanaa fi waraana isaanii jira booji’ee jira.

Tarkaanfii har’a Fulbaana 2, 2022 godina Baha Wallaggaa ona Arjoo Guddattuu naannoo Kireecheritti gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo waraana garboomfataa PP Arjoo irraa gara Naqamteetti deemaa turte waaree booda toora sa’a 7:30 irratti fudhateen injifannoo boonsaa gonfatee jira.

Lola injifannoo boonsaan irratti argame kanaan waraana diinaa irraa bireena 1, Isnaayippera 1, qawwee AKM 20, rasaasa 1000, jorooroo Bireenii 500, hidhannoo waraanaa, konkolaataa 3F 3 fi waraana bilxiginnaa 3 harkaan booji’ee jira.
Ona Arjoo Guddattuu fageenya KM 20 hin caalle magaalaa Naqamtee irraa qabdutti tarkaanfii diina baaragse irree fi gaachanni uummata Oromoo fudhateen waraanni Abiy Ahimed naasisuu keessa jiraachuun barameera.

Dhiigaa fi lafee keenyaan Oromoo walabaa ni ijaarra!

Injifannoon Uummata Oromoof!

Exit mobile version