Gabaasa gumaacha gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo dinagdeen tin’isuuf taasifame.
ONM-ABO Fulbaana 6, 2022 Irree fi gaachana uummata Oromoo WBO dinagdeen jabeessuuf gumaachi sabboontoota ilmaan Oromoo taasifamu jabaatee itti fufee jira.
Jaarmayaan Maadhee Urjii Qabsoo Baha Oromiyaa keessatti qabso hidhanno irraa qooda fudhachuuf WBO zoonii bahaa jalatti bifa maadhee fi dhuunfaan ijaaramanii qabsoo irraa qooda fudhachaa jiran marsaa 5ffaaf WBO Zoonii Bahaatiif qarshii 13,500 gumaacha taasisanii jiru.
- Maadhee Raabaa keessaa Jaal Dagaa Qalloo magalaa Harar irraa qarshii 5000,
- Jaal Yuuyyaa Usmaan muuslsaa fi Maatin Isaa Aanaa Dirree Xayyaraa irraa Qr 4000,
- Jaal Seyfuddiin Mahamud Biyya Sa’udi Arabiyaa magalaa Naajiraan irraa Qr 4000,
- Jaal Jiloo Qocoo Magalaa Dadar irraa Qr 500, ABO-ABOf gumaacha taasisanii jiru.
Gumaachi WBOf taasifamu itti fufuun miseensoonni gameeyyiin “konyaa Ayyaantuu Dagaa” deggarsa WBOf maallaqaa marsaa 10ffaaf taasisaniin qarshii Itophiyaa 60,400 ( kuma jahaatamaa fi dhibba afur ) WBO qaqqabsiisanii jiru.
Warreen Otoo WBO hin tahin Maqaa WBOtiin of yaamuun uummata keenya burjaajeessaa jirtan hatattamaan akka waan kana irraa dhaabbattan jenna
Warreen Olola yookaan burjaajii diinni keenya boce qabattanii gumaacha ABO WBO burjaajeesuuf olii fi gadi fiigaa jirtan akka itti hin milkoofne beekkattanii akka nu irraa dhaabbattan jedhan.
Sabboontonni ilmaan Oromoo garee kaayyoo Haacaaluu Hundeessaa jalatti gurmaa’an marsaa 2ffaaf qarshii impaayeera Itoophiyaa 26,302 WBO qaqqabsiisanii jiru.
Gara fuula duraattis hanga qabsoon Bilisummaa Oromoo bilisummaa fi walabummaan goolabamtutti deggersa isaanii kan itti fufan ta’uu sabboontootni ilmaan Oromoo maadheelee garaagaraa jalatti gurmaa’an ibsuu isaanii gabaasa ajajaa olaanaan ABO-WBO Arraata Biyyooleessa Oromiyaa qaqqabsiisaniin beekuun danda’ameera.
Nutis galanni keessan bilisummaa haa ta’uu ittiin jennaan!
Horaa bulaa deebanaa
Injifannoon Uummata Oromoof!

