Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Gabaasa gumaacha gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo dinagdeen tin’isuuf taasifame

Gabaasa gumaacha gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo dinagdeen tin’isuuf taasifame.

ONM-ABO Fulbaana 16,2022 Sabboontotni ilmaan Oromoo irree fi gaachana uummata Oromoo WBO dinagdeen jabeessuuf gumaacha taasisan cimsanii itti fufanii jiru.
Haaluma kanaan Ilmaan Oromoo maadhee Abdii Bilisummaa jalatti gurmaa’an godina Lixa Wallaggaa ona Begii ganda Beengaa irraa gumaacha qarshii 10,000 WBOf taasisaniiru.

Jaarmiyaan Tokkummaa Baqattoota Oromoo Biyya Yaman konyaa Radaa Gurmuu Urjii” gumaacha marsaa 26ffaa doolaara Ameerikaa 9830 kuma sagaliif dhibba saddeetiif soddoma akkasumas namni maqaan isaa Husseen Umaree Billisee jedhamu dhuunfaan doolaara Ameerikaa 170 walii galatti doolaara 10,000 gumaachanii jiru.

Ibsa ejjannoo armaan gadiis baafatanii jiru.

  1. Yeroo ammaa kana jabina qabsoo keenyaatu diina keenya biyya keessaa fi alatti akka raacha gannaatti iyyisiisaa jira waan injifannoo WBOn galmeessaa jiru kana milkeessuuf yoomiyyuu qophiidha jedhan.

Sabboontonni ilmaan Oromoo maandhee maqaa waliigalaa magaalaa shaashamannee jedhuu jalattii gurmaa’an WBO dinagdeen jabeessuuf qarshii 10,000 gumaachanii jiru.
Deggarsi dinagdee ittuma fufuun sabboontonni ilmaan Oromoo maadhee “Baha_Biiftuu” jalatti gurmaa’an WBO dinagdeen Jabeessuf qarshii 2,000 Moonaa Qabsoo qaqqabsiisanii jiru.
Jaarmiyaan Maadhee “Urjii Qabsoo Baha Oromiyaa” Qabso Hidhanno irraa Qooda fudhachuuf maadhee fi dhuunfaan ijaaramanii qabsoo irraa qooda fudhachaa jiran marsaa 6ffaaf WBOf Qarshii 7,300 Gumaacha taasisani jiran. Akka kanaan:

  1. Aanaa Kombolchaa irraa;
    ~Maadheen Bishaan Danbiyya Qr 4600,
    ~Maadhee Ayyaantu Dagaa lakkoofsa 1 fi 2 Qr 1300,
    ~Maadhee Usmayyoo Muusaa Qr 500,
  2. Jaal Jaarraa Aadam magalaa Harar irraa Qr 500,
  3. Jaal Saali Yuusuf Magaalaa Harar irraa Qr 500, ABO-WBOf gumaacha taasisanii jiru. Jiraattuun biyya Kuweet Boontuu Sa’id kan jedhamtu jiraattu dhuunfaa maallaqa Itoophiyaa 6200 mooraa qabsoo bilisummaa Oromoof galii gootee Jirti. Maadheen Liiban Dirree Galfata Jaatani Alii Tandhuu, akkuma kanaan duraa buusii isaan kan ji’aa itti fufuun, buusii ji’a Fulbaanaa Shiliingii Keeniyaa 36,500 ( kuma soddomii ja’aaf dhibba shan ) gumaachuun ,buusii ji’aa kana malee dirqama cinaan laatameef akka itti laatameetti bahuun hidhannoo waraanaa saglii lamaa hidhachiisanii jiru jechuun gabaasa ajajaa olaanaan ABO-WBO Arraata Biyyooleessa Oromiyaa qaqqabsiisaniin beekuun danda’ameera.

Nutis galanni keessan bilisummaa haa ta’u ittiin jenna.

Horaa bulaa deebanaa

Injifannoon Uummata Oromoof!

Exit mobile version