Godina Horroo Guduruu Wallaggaa keessatti dararaan dhabamuu toora bilbilaa fi konkolaataan uummata irra ga’u itti fufe.
ONM-ABO Fulbaana 19, 2022 Godina Horroo Guduruu Wallaggaa keessatti sababa addaan cituu quunnamtii bilbilaa fi hanqina konkolaataan wal qabatee daa’imman, maanguddootaa fi haadholiin garaatti baatan rakkoo akkaan ulfaataa keessa jiraachuu jiraattootni dubbatan.
Haaluma kanaan gatiin konkolaataa hanqina konkolaataa irraan kan ka’e Shaambuu hanga Jaartee qarshii 600 yoo ta’u magaalaa Shaambuu hanga Amuruutti qarshii 1000n deemaamaa jiraachuu fi gatii kana haala kam keessatti iyyuu arganii akka hin beekne jiraattootni dubbatu.
Egaa humnoonni finxaaleyyii Amaaraa godina kana keessatti rakkoo garaa garaa uumuun, lubbuu namoota hedduu balleessaniin wal qabatee murni bilxiginnaa naannoo Oromiyaa nageenya uummataa tiksuuf tarkaanfii fudhate tokkollee kan hin qabne yoota’u, ammas tajaajila hawaasni naannoo dhabee rakkachaa jiruuf furmaatni kennamee hin jiru.
Murni bilxiginnaa bakka fedhetti quunnamtii bilbilaa deebisee iddoo hin barbaadne irraa kutuun maatiin akka wal hin iyyaafanne gochaa jira.
Maqaa lola kaaba impaayeerattiinis konkolaattoota abbaa qabeenyaa hedduu dirqamaan qabanii gara daangaa Tigraayiitti geessuun rakkoo tajaajila geejjibaa hammeessanii jiru.
Geejjibni baay’inaan argamuu dhabuu irraan kan ka’e gatiin qaala’uun irra darbee bakka taa’umsaa seeraan murtaa’ee olitti fee’aa waa jiraniif maanguddoo, daa’immanii fi haadholiin ulfaa rakkachaa jiraachuu jiraattootni himu.
Torbee darbe kabaja bara haaraa habashootaa irrattis godinuma Horroo Guduruu Wallaggaa magaalaa Saqalaa keessatti waraanni faashistii PP dhuganii machaa’uun walii isaaniitti osoo dhukaasanii lubbuu namoota nagaa sadii galaafachuu jiraattootni naannichaa dabaluun ibsaniiru.

