Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Arsii Lixaa aanaa Arsii Nageellee keessatti dararaan Waraana bilxinnaan uummata irra ga’u daran hammaate

Godina Arsii Lixaa aanaa Arsii Nageellee keessatti dararaan Waraana bilxinnaan uummata irra ga’u daran hammaate.

ONM-ABO Fulbaana 24, 2022 Gareen saamichaaf wal qindeessee murni bilxiginnaa Oromiyaa bakkoota garaagara keessatti saamicha, hidhaa fi ajjeechaan uummata nagaa shororkeessaa jira.

Jalqaba baatii Fulbaana ,2022 irraa kaasuun kaabinoonni PP waraana sirnichaaf amanamoo ta’an uummatatti bobbaasuun godina Arsii Lixaa aanaa Arsii Nageellee keessatti namoota hedduu badii malee qabuun mana hidhaatti darbanii dararaa jiru.

Ilmaan Oromoo mana hidhaa magaalaa Arsii Nageellee keessatti hidhamuun dararama jiran keessa Abdalla Edaasoo nama tokko yoo ta’u murni bilxiginnaa reebichaa fi dorsisa lubbuu dhabamsiisuu irran ga’aa jiraniin cinaatti nyaata dhorkachuun rakkisa jiraachuu kan dubbatan jiraattonni magaalichaa dargaggoo kana malees namootni maqaan isaani hin beekamin 54 manuma hidhichaatti darbatamanii rakkachaa jiraachuus ibsaniru.

Magaaluma Arsii Nageellee keessatti torban darbe kanas ilma Oromoo maqaan isaa Fayyisaa Waariyoo jiraata ganda Hora Qal’oo kan ta’e ajjeesani gatuu jiraattootni dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Exit mobile version